Eebba Oromoo

Oromiyaa bakka tokko tokkotti cidha gaa’elaa irratti Abbootiin ykn Maanguddoon akkana jechuun misirroolee eebbisu.

Coqorsa, Ulmaayii, Biqila midhaanii fi Aannan harkatti qabatanii eebba kennuuf.

Maanguddoon wayita eebbisan, misirroonni ammoo haata’u ykn amiin jechuudhaan itti fufu.

Eebbi isaanii kunis akkana fakkaata:

Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka Biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
qabatee isin biraa hin hafin
Na hoofkalchaa

jechuudhaan xumurama!

4 Comments »

  1. 1
    baraka Says:

    Aadaa ganamaa dhala dhufaa jiru barsiisaa jirta waan taeef jabaadhu

  2. 3
    tolosa Says:

    bayye namatii tola

  3. 4

    Gaariidha.
    garuu hin hafa…
    kun waan tokko ta`ee,
    kan dhufuuf karaa saaqee,
    kan dammaqu hirriibaa kaasee,
    kaayyoo OROMOOTAA fiinxa baasee,
    akkasitti akkas ta`ee,nu gammachiisuuf kutatee


RSS Feed for this entry

Leave a reply to baraka Cancel reply